Rasaasni tokkollee gama keenyaana hin dhukaafamu- Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.)

 

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) gama Eertiraatiin yeroo dhihootti waraanni akka eegalu dubbatamus, gama keenyaan dhukaasni tokkollee akka hin dhukaafamne mana marichaaf mirkaneessuun barbaada jedhaniiru.

“Itoophiyaan marii malee waldhabdeetti hin amantu; warii kaanis otoo akkaataa kanaan adeemanii gaariidha” jechuun kan kanaan ala jiru kan hinfayyanne ta’uu eeran.

“Fedhiin keenya waan qabnu waliif qoodnee uummatoota obbolaa waliin misoomaa jiraachuudha; garuu kana bira darbee dhufu yoo jiraate ammoo ofirraa ni ittisna; kanaafis qophiidha” jedhaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) waggoota toorban darban keessa Itoophiyaan biyya ollaa kamiinuu waraana keessa seentee akka hinbeeknee fi gara fuulduraas daandiin ishee kanuma ta’uu Ministirri Muummee dubbataniiru.

Itoophiyaan kanaan duras diinota qabaachaa turuu ishee fi ammas diina qabaachuu eeruudhaan ija isaanii fuulduratti hojii akka itti fuftuu fi misoomni ishees akka itti fufu cimsanii dubbataniiru.

Prosperity Party