Xiyyaarri Pireezidaantii duraanii Itophiyaa Mangistuu Hayilamaariyaam suphamuun tajaajilaaf oole

 

Xiyyaarichi bakka gatamee ka’uun waggoota 37 booda tajaajila balallii eegaluu ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Kunis damee hundaan hojiileen bu’aa qabeeyyiin hojjetamaa jiraachuu agarsiiftuu ta’uu Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan dubbataniiru.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa ijaarsa humna namaa, hidhannoo haaromsuu fi dandeettiin sadarkaa olaanaarra gahuun bu’uuraalee misoomaa dhaabbaticha madaalu babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan himaniiru.

Xiyyaaricha suphuun gara tajaajilaatti deebisuun qaama tokko ta’uu kaasaniiru.

Xiyyaara (Buufaaloo) jedhamuun beekamu kana suphuun hojiitti deebisuun waggaa tokko ol fudhachuun ibsaniiru.

Xiyyaarichi tajaajila geejjibaa, Paaraashuutii fi fe’umsaa kennuu akka dana’u dubbataniiru.

Prosperity Party