Hojiileen Duubitiifi aanalee Naannoo Affaar birootti qonna Gammoojjii guddisuuf hojjataman bu’aa argamsiisaa jirus jedhan.
Hojiileen kuni waggoota afur dura lafa bal’ina xiqqaa qabu irratti kan jalqabame yoo ta’u; qonnaan bultoonni kunniin yeroo ammaa marga nyaata horiif oolu turtii guyyoota 45n haammamu danda’u magarsaa jiru.

Hojiin qonna Gammoojjii guddisu kun waabii nyaataa mirkaneessuudhaan akka biyyatti hojiilee xiyyeeffannoon hojjataman keessa isa tokkoodha jedha ragaan Waajjira Minisisteera Muummeerraa arganne.