Oduu
- Ministirri Muummee Dr. Abbiyyi Ahimad Naannoo Affaar,Aanaa Duubitiitti lafa bal’ina heektaara 700 irratti kuusaa nyaata horii qophaa’e daawwataniiru.Hojiileen Duubitiifi aanalee Naannoo Affaar birootti qonna Gammoojjii guddisuuf hojjataman bu’aa argamsiisaa jirus jedhan. Hojiileen kuni waggoota afur dura lafa bal’ina xiqqaa qabu irratti kan jalqabame yoo ta’u; qonnaan bultoonni kunniin yeroo ammaa marga nyaata horiif oolu turtii guyyoota 45n haammamu danda’u magarsaa jiru. Hojiin qonna Gammoojjii guddisu kun waabii nyaataa mirkaneessuudhaan akka biyyatti hojiilee xiyyeeffannoon … Read more
- Manni Maree Naannoo Amaaraa Yaa’ii idilee marsaa 5ffaa waggaa 5ffaa yaa’ii idilee 15ffaa Wixata dhufu ni taa’a.Afa Yaa’iin mana maree naannichaa Adde Warqisawu Maammoo ibsa kennaniin gaabaasa raawwii walii galaa bara bajata 2012 fi Covid-19 ittisuuf hojii hojjetamaa jiru ajandaa yaa’ichaa ta’uu himaniiru. Bajata dabalataa bara 2012 fi bajata bara 2013 raggaasuu ajandaawwan dhiyaatan keessaayi. Mannni marichaa muudama garaa garaas akka raggaasu ni eegama.FBC irraa odeeffanne.